KAAYYOF JIRAACHUU, kaayyoo dinqisiisaa Waaqayyo jireenya kee lafa irraa fi bara baraatif qabu akka hubattuuf si gargaara. Riik Waaran adeemsa hafuuraa guyyoota 40 keessatti gaaffii, “biyya lafaa kana maalifan dhufe?” jedhu kan deebisu si hubachiisuf karaa sitti agarsiisa. Akkamitti Waaqayyo bifa addaatin kaayyoo galmaan gahuu dandeessu qofaaf akka si uume guyyaa guyyaadhan hubachaa adeemta.
KAAYYOF JIRAACHUU Macaafa Qulqulluu irraa ogummaa maalif jireenyi dhimma akka baasu si barsiisa. Akkasumas akkamitti Waaqayyo dhiphina kee akka hir’istu, humna kee irratti akka xiyyeeffattu, murtee kee salphistee akka murteessitu fi jireenya bara baraaf si qopheessuu akka barbaadu karaa sitti agarsiisa. Ergaa yeroon irra hin dabarre fi jireenya hiika qabu akka jiraattuf kan si dammaqsuudha.
RIIK WAARAN tiksee Waldaa Sadilbak (Saddleback Church) kan Kaalifoorniyaa keessatti argamtu nama hundeessedha. Dameelen waldattii magaalota gurguddoo Addunyaa keessatti ni argamu. Kitaaba
KAAYYOF JIRAACHUU (The Purpose Driven Life) jedhamuu fi afannota heddutti hiikame nama barreessedha. Kitaabni koppiin miliyeena 50 ol gurgurameera.